Obbo Dinqu Deyasa – Founder of Rift Valley University
Walaloo – Poem
DINQUU DAYYAAS
Jechaan sitti dhabee
Maaljedheen sifaarsa
Arjaa Dinquu dayyaasaa
Yaa abbaa hiyyeessaa
Baga keenya taate hujiin
Keenuboonsaa
Goota jechuun siihii
Hayyuu lammii kessaa
Tokkicha akka kumaa
Dhaqqabaa sabasaa
Beekaa balloof rakkoo
Irkoo saba guddaa
Nuduraa siin laaliin
Ijji warra budaa
Humaa siirraan hafne
Hirruu tokko qabduu
Ofiisheef haabaddu
Kan hamaa siif yaadduu
Qaroo oromoodhaa
Umrii nuuf dheeraadhu
Qabaatan akkana yokaan
Maal bu’aansaa
Gaaf lammiin rakkatu
Laafaadha garaansaa
Lammiidhaaf arjoomee
Baasee qabeenyasaa
Daachaan siif hakkennu
Jaal diinquu dayyasaa
Ebba lammii qabda
Atti nuuf badhaasaa
Isa naamni beekuuf
Kan dhoksaan kennite
Ati ilma lammiiti yoom
Duuba deebiite
Abbaa oromodhaa
Abbaa oromiyaa
Saba keetiif yaadda
Halkaniifii guyyaa
Hunduu siif walqixa
Harargee fi raayya
Inni kibaaf dhiyaa
Guutuun oromiyaa
Siitu lammiif dhiiga
Dhabbattee wardiyaa
Baga keenya taate
Arjaa oromiyaa
Warra gaafa rakkoo
Nuhinfeene argaa
Warqiin shaakkisoofi
Kan lafa wallaggaa
Guutuu oromiyaa
Diina irraa dhorgaa
Alagaa gaafa kolfaa
Fira gaafa golfaa
Fiirri nuuf dirmata
Kunoo gaafa fafaa
Alagaan dhabbatee
Rakkoo teenya kolfaa!
Warri samichumaaf
Jaalatu biyyakoo
Arra eysa jiran
Gaafa guyyaa rakkoo?
Nusaamtu asii achii
Qabeenya biyyakoo
Warri nutti qoosu
Kan boohu sabnikoo!
Albuunni shaakkisoo
Diinquudhaani maltii
Dirmaataa sabaati
Abbaa hiyyeessaatii
Baasaa Alamuddiin
Diina oromootii
Qabeenyuma kenyaan
Nuuf bita rasaasa du’aatii
Kaanaafuu buqqisaa Alamudin
Diiquu dhaabaa achiitti
Owner – Gallery
[huge_it_slider id=”2 “]