Manni Kitaaba Ummataafi Gumiin Barattoota Oromoo hundeeffame

Giddugalli Qorannoo Aadaa Oromoo Yuunivarsiitii Riift Vaalii Mana Kitaaba xiqqaa(Mini Library) itti dubbisan jalqabuusaa beeksise.

0
1210

Giddugalli Qorannoo Aadaa Oromoo Yuunivarsiitii Riift Vaalii Mana Kitaaba xiqqaa(Mini Library) itti dubbisan jalqabuusaa beeksise. Manni kitaabaa Qorattootaaf, dubbistootaafi Hayyoota qorannoo gaggeessaniif banaa tahuun ibsameera.

Kanumaan walqabatee Namootni dhuunfaa, akkasumas dhaabbileen Kitaabilee Aadaafi Seenaa Oromoo qabdan gumaata nuuf gochuu dandeessu jechuun Giddugalichi waamicha godheera.

Kanumaan walqabatee, Barattootni Yuunivarsitii Riifti Vaalii Kaampaasii Gootaraa Gumii Barattoota Oromoo hundeessanii jiru. Gumiin kunis guddina Afaani, Aadaafi Seenaa oromootiif tumsa kan godhu tahuun beekkameera.

Akkasumas Barattootnifi Namootni kennaafi dandeettii ogummaa kanaan walqabatu hirachuu akka danda’an waamichi dhiyaateera.Haaluma kanaan Barattootni gumichaa guyyaa kaleessaa agarsiisa Aadaa Hawaasa Yuunivarsitichaatti agarsiisanii jiru.

 

 

 

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here